Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Wayyaaneen Sabboontota Oromoo Hedduu Ukkaamsuuf Karoorfatte!
 

(Madda Oduu ABO, Finfinnee, Guraandhala 01, 2009) Humnooti tikaafi ergamtooti wayyaanee sabboontota Oromoo hedduu hidhuuf karoorfatanii hordofaa akka jiran saaxilame.

Maddi Oduu ABO odeessa gola humna tikaa wayyaanee irraa argatee irraa akka gabaasetti, humnooti tikaa wayyaanee sabboontota Oromoo gantooti sabaa maqaa isaanii dhahan mara hidhuuf karoora baafattee hordofaa akka jirtu beek uun danda'ameera. 

Maqaa sabboontota Oromoo galmee humnoota tikaa wayyaanee irratti sadarkaa duraatti tarreeffaman 145 keessaa haga yoonaatti  namooti 55 hidhamuu kan saaxile, Maddi Oduu ABO, MOAn, dhiyeenyattis sabboontota kaan hidhuuf hordoffiin jabaa isaan irratti godhamaa akka jiru dabalee hubachiiseera.  

Akka kanaan yeroo ammaa kanatti sabboontota Oromoo naannoo magaalaalee Jimmaa, Mattuu, Dambii Doolloo, Asoosaa, Shaambuu, Amboo, Finfinnee, Adaamaa, Ciroo, Dirree Dhawaa, Harar fi Jijjigaa jiran irratti hordoffiin godhamaa waan jiruuf sabboontoti Oromoos haala kana hubatanii akka ofeeggannoo cimaa godhan hubachiiseera.  

Karoora marroo lammaffaa wayyaanee kanaan sabboontoti Oromoo 50 ol ta'anis Oromiyaa bahaa keessaa qabamanii hidhamaa ak ka jiran kan ibse oduun MOA kun, torbaan darbe keessa qofaa sabboontoti 30 ol qabamanii Maa'ikelaawwiitti akka darbataman saaxilee jira.  

Maddi Oduu ABO Finfinnee irraa akka gabaasetti baatii darbe kana keessas ilmaan Oromoo hedduuun Finfinneefi Oromiyaa keessaa qabamanii gara mana hidhaa Maa'ikelaawwiitti darbatamanii jiru.  

Akka kanaan Abukaatoo seeraa kan ta'an Ob Tolasaa Woldee sababa tokko malee qabamanii mana hidhaa Maa'ikelaawwii keessatti hiraarfamaa kan jiran yoo ta'u, haga ammaatti waan isaan keessa jiran baruufi yaaliin karaa maatiifi abukaatoo isaanii godhame hinmilkaa'iin jira.  

Akkasumas Artist Lammii Sooraa  baatii Sadaasa gara dhumaa keessa Geedoo irraa hojiif gara Finfinnee deemee otuu hi ndeebi'iin kan hafe ta'uu maatiin isaa Madda oduu ABOf ibsanii jiru.  

Artist Lammiin bar 2006 keessa kaasetta waa'ee aadaa, seenaafi jireenya Oromoo ibsu baasuu isaatiin qabamee mana hidhaa addaddaa keessatti hiraarfamaa turuu kan yaadachiisan maatiin isaa, amma illee gochaa hidhaafi ukkaamsaa Oromiyaa keessatti babalʼateen ukkaamsamuun isaa akka hinoolle yaaddoo qaban  qaamolee mirga dhala namaaf falmaniif dhaammatanii jiru.

MOA



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net